Bilillee | Andualem Gosa | New Oromo Music Video 2024

Votre vidéo commence dans 20
Passer (5)
cash machine v4

Merci ! Partagez avec vos amis !

Vous avez aimé cette vidéo, merci de votre vote !

Ajoutées by
5 Vues
Andualem Gosaa

Yeedaloo: Andualem Gosaa, Takkaaleny Tasfaa fi Uummataa
Walaloo: Lalisaa Indiris Adam

BILILLEE

Shaggarii ulaan shan banaadha, banaadha
Essarraan ba'een si barbaada, barbaada
Faana kee arguun na dhamaase, dhamaase
Karri baayyachuun na qormaate, qormaate

Bareedduu qalloo masaakulaa
Kolfituun naatoo nyaara kuula
Milluu tokkichatiin na laaltee
Budaan jaalalaatu na nyaate


Hiriyaa gaafannaan maqaashii
Badhaadha naan jette abbaanshii

..... Magaallinashee

Hidhannoo jaalalaa guuttattee
Qalbii too boojitee gugatte

..... Magaalinashee


Biliille -
mormi bilillee taakkuu guuta safarrisaa
                         Qalbi fuudha bareednisaa

Akkuma addeessa,
Dukkana keessa, ijisheetu ifa-biifaa
                                Jaalalatu irraa tiifa

Namnillee -
Namni tokkollee, miirakoo naaf hin hubannee
Olmaashees natti hin dubbannee

Salaalee keessaa, barraakkoo keessaa mogormoo bachoon ofgeessa
                 Jaalaltoo lafa naannessaa

Boora fardakoon
         Galaa hidheen faanakee dhahaa
         Kutee kuyyuufi Qarree Gohaa

Koo Galaan dhume
          Asan jira kottu naan jedhi
          Dagamirraan gara kee loha


Yaa magaala koo
              Darroo bu'uu bu'e dhuuguumaa
              Ijatu siyyuu hin agarreef malee

Dimbilaala koo
           Si yaadullee, du'e dhugumaa
           Iyyat' tulluu hin dabarreef malee  

Mucayyoo qalloo, warra kuraa jiddaa,
Mullaadhu maaloo, jaalala maa didda
Mutuluu Rayyaa ,ayyaana abbaa keetii
Nu tulluu yaayyaa, warra gullalleeti

Hariiro dhaqee qe'ee warra Jaarsoo
Jaarsan ergadha natti himimee teesso
Adalgee gubbaa ee badhaaneet iyyaa,
an dhabee ijaaf, way magaallee tiyyaa!

Mallattoon himadha, maaloo naaf birmadhaa kottaa na gargaara, barbaadumashee

..... Magaallina shee

Kanshee mallattoonii, miidhagdudha adda,  jaalalaa biftishee, tumaadha irgishee

..... Magaallina shee

Boontudha koortudha, akkuma abbasheeti, nyaararra jabaattii, migira mudhiinii

..... Magaallina shee

Wallaalchisa hin qabdu, ijuu irra in dabartu, argitan ni bartu, burree shinshinniini

..... Magaallina shee

Kottee farda kooti,
    Yaadaan kutee darbee
       ija keen barbaada - shaggee
Ayyaanomee utuuman si argee


Maaloo naaf owwaadhu
Jiruuf suman gaada
Lubbuufan si yaada - shaggee

Shaggee tiyya maaloo shagge


Arganii dhabuuni, akka dhukkubaati, gaabbi nama kaa'a, waliin nama dha'aa

...barbaadumashee....

Barbaadamuu barte, riphxe narra hin dheessin, jooree si dhabuunkoo, xuurii sitti ta'aa

......barbaadumashee........

Kankoo si godhachuuf, ofitti murteesse, karra banaa dhiise, ergan ba'ee takkaa

......barbaadumashee........

Milli na qallattus, si argachuun murtoodha, of duuban milladhu, gara abbeetiin dhaqa

......barbaadumashee......

Hambaa dhibaayyuu burqaa torban ashee
Hin jiru waayyuu, ejjetni faana kee
Xiixaa moo ekkaa, kamiin ol yaabbadhu
Fixan waabeekaa, eenyu si gaafadhu

Dhibee jaalalaa, iji ilaalee hin argu
An siif dhibame, bara dhufee darbu
Nyamariin gama, yoo darbes gamasuu
Nat hiimi nan dhufa an fayyee garasuu
Catégories
Musiques
Mots-clés
Andualem, Andualem Gosa, Bilillee

Ajouter un commentaire

Commentaires

Soyez le premier à commenter cette vidéo.